Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshiniin Idaa fi Bulchiinsa qabeenyaa Idaa Birrii biiliyoona 45 ol kaffaluu beeksiise

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Koorporeeshiniin Idaa fi Bulchiinsa qabeenyaa Idaa Birrii biiliyoona 400 fudhate keessaa hanga ammaattii Birrii biiliyoona 45 ol kaffaluu beeksiiseera.

Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa 7 dhiibbaa Idaa keessa jiranirraa salphisuuf tattaaffii olaanaan taasiifamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Koorporeeshinichaa Obbo Mulu’aalem Geetahuun ibsaniiru.

Dhaabbiileen kunneen idaa qaban Birrii biiliyoona 780 keessaa Birrii biiliyoona 570 kaffaluu kan hin dandeenye ta’uu mirkaanaa’uu isaa himaniiru.

Koorporeeshinichi hanga ammaatti Birrii biiliyoona 570 keessaa biiliyoona 400 fudhachuu eeraniiru.

Idaan kun filannoowwan garagaraa argamaniin kaffalamaa jiraachuu Obbo Muluu’aalem himaniiru.

Koorporeeshinichi bara 2014 hojii erga eegalee Birrii biiliyoona 400 idaa fudhate keessaa hanga ammaatti Birrii biiliyoona 45 kaffaluu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffannaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.