Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi pirojektoota garaagaraa 102 xumuruun hawaasa fayyadamaa taasisuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Ijaarsaa Oromiyaa pirojektoota garaagaraa 102 xumuruun hawaasa fayyadamaa taasisuu ibse.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeshinichaa Injiinar Ashannaafii Dhaabaa raawwii karoora bara baajataa 2016 dhaabbatichaa ilaachisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, koorporeeshinichi barana galii Birrii biliyoonaa 10 walitti qabuu ibsaniiru.

Barana pirojektoota garaagaraa 76 xumuruuf karoorfachuun, pirojektoota 102 xumuruun hawaasni naannichaa akka irraa fayyadamu ta’uu ibsaniiru.

Riifoormii gaggeeffamaa turenis dhaabbatichi hojmaata dijitaalaan gahoomsuuf teeknooloojii yeroon gaafatu hojii irraa oolchuun, pirojektoota dhaabbatichaan hojjetaman, qulqullina, yeroo fi baayinaan akka xumuraman hordoffiin taasifamuu himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.