Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi oomishtoota galteewwan wal’aansa fayyaa biyya keessa 2 waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa dhaabbilee oomsihtootaa galteewwan wal’aansa fayyaa biyyaa keessaa lama waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichaas Hoji Raawwachiisaa Koorporeeshinichaa Akiliiluu Taaddaasaa fi abbootiin qabeenyaa dhaabilee lameenii malatteessaniiru.

Koorporeeshinichi xiyyeeffannaa abbootii qabeenyaa biyya keessaaf kenneen paarkiiwwan idaastirii keessatti abbootii qabeenyaa hojjechaa jiran %10 irraa gara %15’tti guddisuu Obbo Akiliiluu Taaddaasaa ibsaniiru.

Sosochiin mata duree “Lafa Keenyaa Abbootii Qabeeyaa Keenyaaf” jedhuun eegale abbootii qabeenyaa biyya keessaa hojiilee invastimantiirratti bobba’an akka guddisu eegama jedhan.

Dhaabbileen waliigalticha mallatteessnis Paarkii Indaastirii Qilinxoo keessatti giloovii wal’aansaa fayyaa, wiilcharii, sireewwan tajaajila wal’aansaaf oolanii fi meeshaalee wal’aansaa biroo kan oomishan ta’uun ibsameera.

Dhaabbileen kunneenis lammiilee 200 oliif carraa hojii kan uuman ta’uu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.