Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi oomishaalee gabaaf dhiyeesserraa galii Birrii biiliyoona 5 argachuu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin indaastirii keemikaalaa baatiiwwan 11’n darban oomishaalee galtee keemikaalaa gabaaf dhiyeesserraa galii Birrii biiliyoona 5 argachuu beeksise.

Hoji Raawwachiisaan Koorporeeshinichaa Dooktar Hundeessaa Dassaalanyi akka ibsanitti, koorporeeshinichi omishaalee keemikaalaa warshaaleetti oomishaman gabaa biyya keessaa fi alaaf kan dhiyeessuudha.

Keessumaa, galtee xaa’oo, bu’aalee muka goommaa, oomishalee simmintoo fi kanneen biroo oomishtummaa fi bu’aa qabeessummaa isaanii guddisuun guddina diinagdeef gahee isaa bahachaa jiraachuun eerameera.

Baatiiwwan 11’n darbanis gabaa biyya keessaa fi alaaf oomishaalee keemikaalaa dhiyeesserraa galii Birrii Biiliyoona 5 argamuu eeraniiru.

Raawwiin kunis kan bara darbeen yeroo walfakkaataan yoo walbira madaalamu %28.9 caalmaa akka qabu eeruu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Koorporeeshinichi misooma Muka Goommaan oomishaalee qindeessee maamiltootaaf dhiyeessuu himanii, damichaan dandeettii jiru babal’isuuf pirojektii babal’isaa hojiirra oolchaa jiraachuu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.