Koorporeeshinichi Konistiraakshinin Daawwaalee Jibuutii waliin hojechuuf waliigaltee mallatteese
Finfinnee, Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Koorporeeshiniin Hojiilee Konistiraakshinii Ityoophiyaa fi Konistiraakshinii Daawwaalee Jibuutii walta’iinsa waloo cimsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigaltee walta’iinsaa kunis, Ityoophiyaa, Jibuutii fi biyyootaa Bahaa fi Giddugaleessaa Afrikaa damee indaastirii konistiraakshiniin walta’iinsaa uumuuf waliigaltee dandeessisu ta’uun ibsameera.
Sirna waliigaltee mallatteessuurratti Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayee fi Hoji Gaggeessaa Olaanaa Koorporeeshinii Hojiilee Konistiraakshinii Ityoophiyaa Injiinar Yoonaas Ayyaalawu argamaniiru.
Koorporeeshiiin Hojiilee Konistiraakshinii Ityoophiyaa Jibuutitti kan ijaaramu pirojektii daandii Kiiloo meetira 35 Moluud-Dakhiil-Gaalaamoo irratti deeggarsa taasisaa jiraachuu ragaan Jibuutiitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.