Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi Birri biiliyoona 2.6 walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)-Koorporeeshiniin Manneen Federaalaa bara baajatichaatti galii Birrii biiliyona 2.6 walitti qabuu beeksise.

Korporeeshinichi waltajjii gamaaggamaa karoora 2015 fi karoora bara 2016 gaggeesseera.

Hoji Gaggeessan Koorporeeshinichaa Obbo Rashaad Kamaal, bara baajatichaatti damee bulchiinsaa manneeniin, damee tajaajilaa fi hojiileen kutaalee tarsiimawoon hojjetaman jajjabeessa ta’uu ibsaniiru.

Maddeen galii bal’isuun dhaabbatichi galii argatu sirnaan walitti qabuu akka danda’ee fi bara baajatichaatti Birrii biiliyoona 2.6 ol walitti qabuu himaniiru.

Sadarkaan riifoormii dhaabbatichaa haala gaariirra jiraachuu ibsuun qabeenyi waliigalaa koorporeeshinichaas Birrii biiliyoona 260 qaqqabuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.