Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa Saatalaayitii basaasaa gara hawaatti furgugsuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 22, 2016 (FBC) – Kooriyaan Kibbaa Saatalaayitii basaasummaa waraanaa jalqabaa gara Hawaatti furgugsuu beeksifte.

Kooriyaan Kaabaa tibba darbe saatalaayitii basaasaa gara Hawaatti erguu ishee hordofee Kooriyaan Kibbaas saatalaayitii basaastuu waraanaa gara Hawaatti erguu ibsameera.

Jirraan/Dorgommiin biyyoonni lamaan eegalan waldhabdee dachee Kooriyaatti mul’atu caalmaatti kan hammeessu ta’uu sodaatamaa jiraachuu RT gabaaseera.

Saatalaayitiin basaasaa tun bal’ina hanga Seentimeetira 30 kan qabdu yoo ta’uu, dandeettii wantoota adda baasuu olaanaa qabdi jedhame.

Biyyattiin humna ofiin Saatalaayitii furgugsuu eegaluun ishee dandeettii damee waraanaa fi biroon qabdu caalmaatti akka cimsattuuf ishee dandeessisa jedhame.

Kooriyaan Kibbaa kan ammaa kana dabalatee hanga bara Faranjootaa 2025tti saatalaayitiiwwan basaasaa 5 gara hawaatti erguuf karoora qabaachuu ibsiteerti.

Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii basaasaa ishee fayyadamuun waan Waayit Haawus keessatti ta’u hunda daawwachaa jiraachuu himti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.