Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaaf deeggarsa dabalataa Doolaara miiliyoona 1.5 taasiste

Finfinnee, Adoolessaa 17, 2015 (FBC)- Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaatti deeggarsaa namoomaaf kutaalee hawaasaa garaagaraaf kan oolu deeggarsa dabalataa Doolaara miiliyoona 1.5 taasiste

Deeggarsichas karaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa, Waldaa Qaxxaamura Diimaa Addunyaa, Dhaabbata Gargaarsaa Daa’immanii fi Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomaniin taasisuun eerameera.

Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa barbaachisaa taasisuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti dhaabbilee deeggarsa namoomaa raabsaa jiran waliin qindoominaan akka hojjettu ibsuu Ityoophiyaatti ragaan Embaasii Kooriyaa Kibbaarraa argame ni mul’isa.

Kooriyaan Kibbaa bara faranjootaa kanatti sababoota garaagaraan lammiilee rakkooleef saaxilamaniif Doolaara miiliyoona 10.7 deegarsa taasisuun ibsameera.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.