Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu kan cimsitu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Kooriyaan Kibbaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu kan cimsitu ta’uu beeksiste.
Tattaaffii Ityoophiyaan nageenyaa fi badhaadhina mirkaneessuuf taasiftu akka milkaa’uuf Kooriyaan Kibbaa kan deeggartu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa Kaang Siiyookii ibsaniiru.
Hundeeffama mootummaa haaraa uummataan filatamee ilaalchisees ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Biyyoonni lameen haariiroo dippiloomaasii cimaa qabaachuu ibsuun, hariiroo kana daran kan cimsan ta’uu eeraniiru. hojiilee Proojektiiwwan misoomaa biyyattiin akka Afrikaatti taasistuun kan Ityoophiyaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Proojektiiwwan kunneenis dameewwan Fayyaa, Qonnaa, Barnootaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa biroorratti kan xiyyeeffatu ta’uu himaniiru. Hojiilee invastimantii, qabeenya qilleensa naannoo fi nageenya kabachiisuu irratti Kooriyaan Ityoophiyaa waliin kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.