Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kibbaa deeggarsa meeshaalee waraanaa Yuukreeniif taasisuu akka dandeessu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa loltoota hedduu gara Raashiyaatti erguu hordofee Kooriyaan Kibbaa deeggarsa meeshaalee waraanaa Yuukreeniif taasisuu akka dandeessu Pireezidaantiin biyyattii ibsan.

Kooriyaan Kaabaa duula Raashiyaan Yuukreenirratti gaggeessaa jirtu tumsuuf Loltoota hedduu erguu ishee Kooriyaan Kibbaa calliftee kan hin ilaalle ta’uu Pireezidaantiin biyyattii Yoon Suuk Yoo’eel ibsaniiru.

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa kumni 3 ol gara Raashiyaatti ergaman iddoolee garaagaraatti leenjii fudhacha jiraachuu eeruun, Baatii Muddee keessa ammoo Loltoota kuma 10 ol erguuf karoorfachuu ishee dubbataniiru.

Kooriyaan Kaabaa loltoota gara Raashiyaatti erguu yoo hin dhaabne Kooriyaan Kibbaa Yuukreen waliin hariiroo tumsa waraanaa kan uumtuu fi nageenya ishee eeguuf tarkaanfii barbaachisa hunda kan fudhattu ta’uu eeruu ‘AP’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.