Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa aggaammii Waraana Niiwukileera kamiiyyuu qolachuuf qophii ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014 (FBC) – Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun biyyi isaanii aggaammii Waraana Niiwukileera qaama kamiiyyuu qolachuuf qophii ta’uu beeksiisan.
Piyoongiyaang kaleessa waggaa 69ffaa hundeeffama raayyaa ittisa biyyaa waraana Kooriyaa lamaan bara Faranjootaa 1950-1953 xumure kabajdeetti.
Hogganichi Waashingitanii fi See’uul Misaa’eel Niwuukileeraa Kooriyaa Kibbaatti kuusuuf Karoora qabachuun isaanii yakka jechuun qeeqaniiru.
Kooriyaan Kaabaa Waraana Niwukileerii Ameerikaas ta’ee qaama kamiiyyuurraa itti aggaamamu qolachuuf qophii ta’uu Kiim Joong Uun himaniiru.
Biyyattiin Niiwukileerii Waraanaa gabbisaa turte tajaajilarraa oolchuuf qophii barbaachisaa taasiisuu ishee eeraniiru.
Kooriyaan Kaabaa Niiwukileerii Waraanaa 40 – 50 qabaachuu ishee fi waggaan Misaa’eeloota 6 fi 7 oomishuu akka dandeessu ragaaleen ni mul’isa.
Qocholoo Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa isheerratti taasiisan hordofee Kooriyaan Kaabaa sochii waraanaa cimsitee itti fufuu RT gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.