Fana: At a Speed of Life!

Kooriidaaroonni deeggarsa namoomaa Naannoo Tigraay hundi banamuun ibsame

Finfinne, Sadaasa 2, 2015 (FBC)- Kooriidaroonni deeggarsa namoomaa Naannoo Tigraay geessuu hundi banamuu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa beeksise.

Deeggarsichi daandii qilleensa fi geejjiba lafaarraan akka dhiyaatuus eerameera.

Koomishanarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ambaasaaddar Shifarraa Taklamariyaam haala yeroo Ityoophiyaarratti dhaabbilee deeggarsa namooma Idil Addunyaaf ibsa laataniiru.

Marii nageenyaa Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti gaggeeffame hordofuun Kaabaa Ityoophiyaatti deegggarsa namooma dhiyeessuuf kooriidaroonni banamuu Obbo Shifaraan ibsaniiru.

Haaluma kanaan, karaa Naannoo Afaar, Aba’aalaa-Maqaalee, karaa Humaraa Shiraaroo, Shiree, Aksum, Adwaa, karaa Goondar, Addi Arqaayi, Mayitsaabiiri, akkasumas, karaa Waldiyaa sarara Allaamaaxaa hundii banamuun ibsameera.

Naannoo Afaar Aba’aalaarraan hanga Maqaaleetti tajaajila yaalii eegaluu ibsuun, karaa Humaraa Shiraaroo, Shiree, Aksum, Adwaan deeggarsi konkolaattota 16’n geejjibsiifamuu, konkolaattonni 3 immoo meeshaalee wal’aansa fayyaa fe’uun naannichaa seenuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.