Fana: At a Speed of Life!

Koonveenshinii Paan Afriikaa fi Wiirtuu Agarsiisaa ijaaruuf mariin taasifame

Koonveenshinii Paan Afriikaa fi Wiirtuu Agarsiisaa ijaaruuf mariin taasifame

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Giddugala Agarsiisaa Finfinneetti Koonveenshinii Paan Afriikaa fi Wiirtuu Agarsiisaa ijaaruuf mariin taasifameera.

Ijaarsichi lafa heektaara 22 irratti hojjetama jedhameera.

Abbootii qabeenyaa biyya keessaa hirmaachisuun ijaaruun kan yaadame yammuu ta’u, waltajjii marichaarrattis sooreyyiin Ityoophiyaa 300 ta’an hirmaataniiru.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman waltajjicharratti akka jedhanitti, toora daldalaa fi invastimantii magaalaa idil addunyummaa Finfinnee madaalu ijaaruuf karoorfameera jedhan.

Abbootiin qabeenyaas akka hirmaatan gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.