Fana: At a Speed of Life!

Koonfiraansiin nageenyaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Naannoo Amaaraa Magaalaa baahirdaaritti Koonfiraansiin nageenyaa mata duree “Nageenyi hundaaf; Hunduu nageenyaaf” jedhuun Magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Koonfiraansichaarratti abbootii amantaalee, jaarsolii biyyaa, hayyoota, dargaggoonni godinaalee fi aanaalee naannichaarraa baba’an hirmaataniiru.

Nageenya naannichatti mirkanaa’aa jiru waaressuu fi ummata naannichaa hirmaattotaa fi fayyadamtoota misoomaa taasisuuf kan kaayyeeffate ta’uun ibsameera.

Koonfiraansiin guyyoota lamaaf gaggeeffamaa tures ibsa ejjennoo abbaa qabxii 10 baasuun xumurameera.

Ibsa ejjennoo kanaan humnoonni hidhaannoon qabsaa’an nageenya ummataaf jecha ummata isaanii waliin gara marii nageenyaatti akka dhufan gaafataniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan dhamaatii ummatarra ga’aa jiru dhaabuun humna guutuun gara misoomaatti akka fuulleffatu kutannoon akka hojjetan hirmaattoonni dubbataniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuu fi haala naannichaa bu’uurarraa fooyyessuuf kutaaleen hawaasaa hunduu walta’iinsaan akka hojjetan waamichi dhiyaateera.

Dassaalanyi biraarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.