Fana: At a Speed of Life!

Koonfiraansiin Idil Addunyaa fayyaa beeyladaarratti xiyyeeffate gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC)- Koonfiraansiin Idil Addunyaa fayyaa beeyladaarratti xiyyeeffate Xaaliyaan Roomitti gaggeeffamuu eegaleera.

Koonfiraansichaarratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen haasawaa taasisaniin, fayyaa beeyladaa fi kalaqa akkasumas raabsaa fi oomisha talaalliiwwan ittisaa biyyoota Afrikaaf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbataa Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa (FAO), Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Dhaabbannii Deeggarsaa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) weeraroota daangaa ce’oo ittisuu fi dhabamsiisuuf deeggarsa walirraa hincinne taasisaa jiran dinqisiifataniiru.

Waa’ee sagantaa Ashaaraa Magariisaa, Maaddii Guutuu, oomisha qamadii jallisii fi dameewwan qonnaa biroon Itiyoophiyaatti seenaawwan milkaa’oo galmaa’an irratti ibsa bal’aa kennuu ragaan Roomitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.