Fana: At a Speed of Life!

Koomishinii Olaanaan Godaantotaa DhMG deeggarsa Gambeellaatti taasisu cimsee akka itti fufu beeksise

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015 (FBC) – Koomishiniin Olaanaan Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa Naannoo Gambeellaatti taasisu cimsee akka itti fufu Daayrektarri Dhiyeessii fi Nageenya Yeroo Balaa koomishinichaa Shookoo Shimoozaawaa ibsan.

Daayrektarittiin Naannoo Gaambeellaatti, dhaabbatichi deeggarsa damee hawaasummaa fi diinagdeen taasisa jiruurratti Pireezdaantii Naannichaa Obbo Umod Ujuluu waliin mari’ataniiru.

Obbo Umod maricharratti, dhaabbatichi deeggarsa damee hawaasummaa fi diinagdeen taasisaa jiruun bu’aalee hedduun galmaa’uu ibsan.

Dhaabbatichi fuuldurattis lammiilee balaa lolaatiin miidhaman deeggaruu fi dameewwan biroon deeggarsa taasisuu akka cimsu gaafataniiru.

Shookoo Shimozaawaa gama isaaniin, Ityoophiyaan lammiileef dhaabbilee hawaasummaa fi diinagdee waliingahuun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf tattaaffi taasistu dinqisiifataniiru.

Mootummaan keessumaa nageenya godaantotaa eegsisuu fi fayyadamummaa isaanii gamaa maraan mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu galateeffataniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti dameewwan garaagaraan deeggarsa taasisaa jiraachuu eeruun, bu’aa qabeessummaa isaaf tattaaffiin qaamolee sadarkaan jiranii cimee akka itti fufu gaafachuu ragaan kominikesshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.