Fana: At a Speed of Life!

Koomishinii ispoortii naannoo Tigraayiin deeggaruuf sochiin eegale- Obbo Duubee Jiloo

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Koomishinii ispoortii naannoo Tigraayiin deeggaruu fi ispoortichaa iddoo duraan turetti deebisuuf kan dandeessisuu sochiin eegaluu Itti aanaan Koomishinara Koomishinii Ispoortii FDRI obbo Duubee Jiloon ibsaniiru.
Obbo Duubeen deeggarsa naannichaa taasifamuun walqabsiisee gaazixeessitootaaf ibsa laataniiru.
Gareen ABUT Onkololeessa 24, 2013 tarkaanfii fudhateen walqabsiisee dhaabbilee mootummaa dabalatee bu’uraaleen misoomaa hojiin ala ta’uu ibsaniiru.
Naannichaattis rakkoon namoomaa qaqqabuu ni yaadatama jedhaniiru.
Dhaabbilee mootummaa miidhaamaan keessaa inni tokkoo Koomishinii Ispoortii naannoo Tigraay ta’uu kan ibsan obbo Dubeen, koomishiniin ispoortii naannichaa baroota dheeraaf itti fayyadamaa kan turee qabeenyaawwan mataasaa, meeshaalee biroon barbada’uun sochiin ispoortii dhaabbateera jechaniiru.
Ta’us koomishinii ispoortii naannichaa deebisanii gurmeessuu fi sochiin ispoortii bakka duraan tureetti deebisuuf kan dandeessisuu koreen deeggarsa walitti qabu hunda’uun gara hojiitti galu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.