Fana: At a Speed of Life!

Koomishinichi hayyota dabalatee ummattoonni dhimmoota biyya isaaniirratti yaada akka kennaniif hojjechaa jira-Pirof. Masfiin Ar’ayaa

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC)- Koomishininiin Marii Biyyalessaa hayyootaa fi hayyoonni siyaasaatti dabalataan ummatoonni dhimmoota biyya isaaniirratti yaada akka kennaniif hojjechaa jiraachuu Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Pirofeesar Masfiin Ar’ayaan dubbatan.

Komishinichi qaamolee qooda fudhattootaa Naannoo Ormomiyaa Godinaalee Gujii Lixaa, Shawaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Boorana Bahaarraa baba’aan waliin Adaamaatti mari’achaa jira.

Waltajjicharratti Pirofeesar Masfiin Ar’ayaan akka jedhanitti, hayyootaa fi hayyoota siyaasaatti dabalataan ummattoonni dhimmoota biyya isaaniirraatti yaadaa akka kennaan taasisuuf hojjechaa jira.

Waltajjichi qaamoleen qooda fudattootaa, hirmaattota adda baasuu fi ajanda walitti qabuu irratti hubannoo akka qabaatanii fi hirmaannaa si’ataa akka taasisaniif ta’uu himan.

Waltajjicharratti qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, dargaggoota, dubartoota, maanguddootaa, dhaabbilee hawaasaa siiviikii, qaamoleen siyaasaa kan hirmaatan ta’uun TOI gabaaseera.

Dabalataan, hirmaattonni hunduu ajandaa Komishinii Marii Biyyaalessaa irratti galtee yaadaa akka kennan kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.