Fana: At a Speed of Life!

Koomishinichi deegarsa midhaanii kuntaala kuma 700 ol naannoo Tigraayiif erguu beeksise

 

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC) Koomishiniin hoggansa sodaa balaa biyyaalessaa deegarsa midhaan kuntaala kuma 700 ol naannoo Tigraayiif erguu beeksise.

Ji’a darbeerraa kaase deeggarsa namoomaa bal’na lafa harka 86 dhabbilee deegartootaa fi harki 14 ammo mootummaan kan danda’u ta’u ni yaadatama.

Daarektarri qunnamtii ummataa Koomishinii hoggansa sodaa balaa biyyaalessaa Obbo Dabbaba Zawudee TOI akka himanitti, deegarsa lammiilee sababa garaagaraan miidhaman hundaaf taasisa jedhan.

Koomishinicha naannoolee Amaaraa,Tigraayiifi Beenishaangul Gumuuz wiirtuu qindeessaa deebii hatattamaa yeroo balaa hundeessun hojjetaa akka jiru himan.

Naannoo Tigraayitti namoota miliyoona 4 fi kuma 500 deeggarsii namoomaa marsaan 3ffaa dhiyaachaa jira jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.