Fana: At a Speed of Life!

Koomishinar Lalisee Nameen Joon Roobiinsan waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Koomishinarri Koomishinii Invastimantii Lalisee Namee Embaasii Ameerikaa Ityoophiyaatti Itti Gaafatamaa Dhimmoota Siyaasaa fi Dinagdee Joon Roobiinsan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo diinagdee Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa fi mootummaa Ameerikaa gidduu jirurratti bal’inaan mari’ataniiru.

Naannawaa daldalaa bilisaa ‘AGOWA’n walqabatee, Ameerikaan Ityoophiyaatti hojii invastimantii gaggeessitu guddisuu haalota dandeessisanii fi tarsimoo jirurratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti Embaasiin Ameerikaas hirmaattummaa seektara dhuunfaa guddisuu fi sadarkaa naannawaa invastimantii guddisuuf koomishinicha akka tumsu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.