Fana: At a Speed of Life!

Koomishinar Dammallash Ajajaa Poolisii Somaaliyaa fi Ittaanaa Ajajaa Poolisii Jibuutti waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC)- Koomishinarri Jeneralaa Poolisii Fedeeralaa Dammallash Gabramikaa’el Ajajaa Poolisii Biyyaalessaa Somaaliyaa Birgaader Jeneraal Suluub Ahimad Finii fi Ittaanaa Ajajaa Poolisii Biyyaleessaa Jibuutii Umaar Huseen Hasan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’oo walta’iinsa biyyoota sadeeniin ittisuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan Poolisii Fedeeraalarra argame ni mul’isa.

Dabalataan ijaarsa dandeettii qondaaltota poolisii biyyoota sadeen cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuun ibsameera.

Fuuldurattis, Jibuutiitti sanda waliigaltee waloo mallatteessuuf waliigalteerra ga’amuun himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.