Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Tuuriizimii Oromiyaa “Badhaasa Tuuriizimii” 3ffaa gaggeessuuf

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)-Koomiishiniin tuuriizimii Oromiyaa “Badhaasa Tuuriizimii Oromiyaa” marsaa 3ffaa gaggeessuuf akka jiru beeksise.

Sagantaan Badhaasaa kunis dhaabbilee bu’aalee gama tuuriizimii fi tajaajilaatiin argameef gumaachaaniif kan kennamu ta’uun ibsameera.

Dhaabbilee garaagaraa, namoota dhuunfaa tajaajila addaa kennan, tuuriizimii beeksisanii fi guddina waliigalaa indaastirii tuuriizimiif gumaachaniif kan kennamu ta’uun ibsameera.

Kana malees, Hoteela Filatamaa, Riizoortii Adda Duree, Opereetara Turizimii Dursaa, Goodambaa Filatamaa, Loojii Naannawaaf Mijataa, Duula Kalaqaa Tuurizimii, fa’aan ulaalagaalee haaraa badhaasa baranaan hammataman ta’uun eerameera.

Sirni badhaasaa kunis Fulbaana 13, 2016 Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Badhaasni Tuurizimii Oromiyaa akka waltajjii tokkummeessaatti, qooda fudhattoota walitti fiduun Oromiyaa bakka buufata tuuriizimii filatamtuu taasisuuf akka gumaachan kan dammaqsu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.