Koomiishiniin Invastimanti Ityoophiyaa Jila Abbootii qabeenyaa Paakistaan waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC)- Koomiishiniin Invastimantii Ityoophiyaa Jila abbootii qabeenyaa Paakiistaan waliin filmaatawwan invastimantii Ityoophiyaa irratti mari’ataniiru.
Maricharratti Koomishinarri Koomiishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee Ambaasaaddaroota biyyoota lameenii, jila Daldalaa Paakistaanii fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Paakistanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakar, biyyoonni lameen hariiroo dippiloomaasii gaarii qabachuu eeruun, jilichi Ityoophiyaatti dawwannaa taasisuun hariiroo biyyoota lameen gidduu jiru gara boqonnaa haaraatti kan jijjiiruudha jedhaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Paakiistaan Shaazab Abaas gama isaaniin, hariiroo dinagdee biyyoota lameenii caalmatti cimsuuf hojjetama jiraachuu fi jilichi gara Ityoophiyaa dhufuun argisiistuu kanaa ta’uu eeruuniiru.
Damee qonnaan, dhiyeessi annisaan, misoomaa sululaa fi albuudaan waloon hojjechuu cimsaanii kan itti fufaan ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.
Jilli Invastimantii fi Daldalaa Paakiistaan filannoowwan Invastimantii Ityoophiyaan qabdu daawwachuuf Finfinnee galuun kan yadatamudha.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.