Fana: At a Speed of Life!

Koomiishinichi hojiilee gaggeessaa jiru ilaalchisee hawaasa Idil Addunyaaf ibsa taasise

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Koomiishiniin Marii Biyyaalessaa hojiilee gaggeessaa jiru ilaalchisee hawaasa idil addunyaaf ibsa taasiseera.

Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Pirofeessar Masfiin Ar’ayaan, ibsichi hojiilee hundeeffamaa koomishinichaarraa eggalee jiru beeksisuuf ta’uu himan.

Hanga ammaattis hirmaannaa ummataa mirkaneessuuf hanga aanaaleetti leenjii kennuu fi mariiwwan garaagaraa taasisuun gaggeeffamuu himaniiru.

Koomishinichi adeemsa addaa baasuun hirmaannaan hunda galeessaa akka jiraatu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Adeemsa marichaanis paartilee siyaasaa 43 ta’an waliin mari’achaa akka jiru eeruun, waldaalee siiviikii fi dhaabbilee idil addunyaa waliinis hojjechaa akka jiru kaasaniiru.

Namni dhuunfaa kamuu yaadaa mariif akka dhiyaatu barbaadu daandiin ittiin yaadasaa dhiyeeffatu akka mijeeffamu ibsanii, marichis sadarkaa anaarraa ka’uun sadarkaa biyyaalessaatti akka gaggeeffamu dubbataniiru.

Marichi hawaasa diyaaspooraas akka hirmaachisuu fi hanga ammaattis karaalee miidiyaalee garaagaraan mariin gaggeeffamuu eeraniiru.

Fuuldurattis, waltajjin marii fuulaa-fuulaa gaggeessuuf hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Kana malees, mariiwwan garaagaraa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin taasifaman akka itti fufan kaasuun, rakkoolee akka nageenyaa, odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee hawaasummaan tamsaafamanii, hanqinni ogeeyyii, maallaqaa fi galteewwanii rakkoolee mudachuu malan keessaa ta’uu himaniiru.

Hawaasni idil addunyaas, deeggarsaa taasisaan cimsanii akka itti fufan Pirofeessar Masfiin gaafataniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.