Fana: At a Speed of Life!

Koomiishinar Lalisee Nameen qondaaltota olaanoo dhaabbata Voolsi Waagan waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC)- Komishinarri Koomishinii Invastimantii Ityoophiya Lalisee Namee fi Ittaanaan Koomiishinaraa Daani’eel Tarreessaan, Afrikaatti qondaaltota dhaabbataa oomishaa Konkolaataa Voolsi Waagaan waliin mari’atan.

Dabalataan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jarman Isteeven Awuraa waliin damee invastimantii Awutoomootiivii irratti foyya’iinsa taasifamaa jiran irratti marii gaggeessuu isaanii ragaan koomiishinicharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaan keessumaa damee invastimantii Awutoomootiiviin bakka filatamtuu akka taatuuf fedhii qabaachuu wayita kanatti ibsaniiru.

Dabalataan, oomishtoonni idil addunyaa kanneen akka Dhaabbata Voolsi Waagan damicharratti akka hirmaatanii fi misoomsan mootummaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.