Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Yuu Essi kaampaasii Shaashamannee barattoota kuma 3 fi 250 eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 29, 2013 (FBC)- Koolleejjiin Yuu Essi kaampaasii Shaashamannee barattoota kuma 3 fi 250 muummee barnoota  garagaraatiin barsiisaa ture eebbisiiseera.

Koolleejjichi erga hojii baruu fi barsiisuu eegalee waggoota 12 guute keessatti barattoota kuma 25 ol barsiisuun biyyaaf qaqqabsiisuun ibsameera.

Abbaan Qabeenyaa fi Preezdantiin koolleejjichaa Dooktar Tolaa Gadaa Koolleejjiin Yuu Essi barattoota ogummaan gahoomsuun leenjisee eebbisiisuun humna nama baratee biyyaaf oomishuun gahee isaa bahaa jira jedhan.

Barattootni ogummaa barataniin haqummaan hawaasa tajaajiluun  rakkoo biyyattiin keessa jirtu furuun hiyyummaa fi rakkoof furmaata ta’uu qabuu imaanaa jedhaniiru.

Barattootni eebbifaman kunniin ogummaan leenji’an isa jalqabaa ta’uu hubatanii kan boodas ogummaa isaanii gabbifachuu  akka qabani kan dubbatan.

Koolleejjichi bara 2002 irraa eegalee hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoo fi qo’annoo gaggeessuun rakkoo hawaasa  keessatti mul’atu furuuf  gaheesaa bahachaa turuu   Diiniin Koolleejjichaa Dooktar Rattaa Alleniboo himaniiru.

Itti  aanaan preezdantiin koolleejjii Yuu Essi Obbo Fayyisaa Raggaasaa koolleejjichi iddoowwan barnoonni itti hin babal’annetti damee isaa banuun hawaasaaf tajaajila kennaa tureera jedhanii jiru.

Kana boodas ogummaa garagaraatiin barsisuuf qophii hunda kan xumure ta’uus himaniiru.

Sirna eebba barattootaa irratti kan argaman Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa  Obboo Girmaa Baay’isaa egereen biyyattii kan tolu baruumsaan ta’uu isaatiin  barattootni ogummaa baratan hojiitti hiikuun biyya isaanii tajaajiluu qabu jedhan.

Jiruuf jireenyi hawaasa biyyaa kan  jijjiiramu baruumsaan  waan ta’eef koolleejjiiwwan barnoota irratti invasti gochuun ciminaan hojjachuu qabu jedhaniiru.

Sagantaa eebbaan boodas sagantaa ashaaraa magariisaaf keessummoonni kabajaa fi hojjatootni koolleejjichaa biqiltuu dhaabaniiru.

Lammaa Tasfayeetu gabaase

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.