Koolleejjiin Poolii Teeknikaa Meejar Jeneraal Mulugeetaa Bulii Guddina Sadakaa kenne
Finfinnee, Fulbaana 18, 2014 (FBC)- Koolleejjiin Poolii Teeknikaa Meejar Jeneraal Mulugeetaa Bulii miseensota Raayyaa Ittisaa raawwii hojii olaanaa galmeesisanii fi yeroo turtii isaanii uwwisaniif guddina Sadakaa kennu ibsameera.
Miseensota 75f sadarkaan hogganaa olaanaa hanga sadarkaa addaa laatameera.
Miseensota kanneen keessummaa kabajaa fi hoogganaa qajeelcha olaanaa leenjii Leetenaal Jeneraal Yimar Mokonnin, Ajajaa Kolleejjichaa Koloneel Abbabaa Waaqshuumaa akkasumas damee humna namaatti Itti aanaan Ajajaa Kolleejjichaa Koloneel Alamaayyoo Sababuu sadarkaa isaanii itti uwwisaniiru.
Guddinni sadarkaa kun itti gaafatamummaa dabalataa biyyaa ta’uu isaan baga gammaddan jedhan Itti gaafatamaan olaanaan Qajeelcha Leenjii Gamtaa Leetanal Jeneraal Yimar Makonniin.
Isinirraa barachuun dhaabbata keenya amantummaan hanga dhumaatti ni tajaajilla jedhaniiru.
Miseensota f Siiviiloota kabajaan koollejjicharraa gaggeeffamaniif beekkamtiin laatamuu ragaan Fuula Feesbuukii Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.