Koolleejjiin Paaradaayiz Vaalii barattoota kuma 4 ol eebbisiise
Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Koolleejjiin Paaradaayiz Vaalii damee Shaashamannee barattoota muummee garaagaraatiin barsiisaa turee kuma 4 ol guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Kolleejjichi barattoota sagantaa idilee, torbeefi barnoota fagoon barsiisaa ture kan eebbisiise yoo ta’u, barattoonni 921 digiriin fi barattoonni kumni 3 fi 998 ammoo gulantaan eebbifamuu eerameera.
Koolleejjichi barattoota eebbisiisuu qofa osoo hin taane carraa hojii uumuun barattoota heddu hojiitti galchuu abbaan koolleejjichaa Obbo Ayyalee Korroosoo dubbataniiru.
Diiniin koolleejjichaa obbo Kadiir Usmaan gamasaaniin, eebbifamtoonni dandeettii fi ogummaa horataniin iddoo deemanitti ummata biyyattii aantummaan akka tajaajilan dhaamaniiru.
Eebbifamtoonnis ogummaa barataniin hawaasa tajaajiluuf waadaa galaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.