Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Fayyaa Harar barattoota 846 eebbisiise

Finfiinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Koolleejjiin Fayyaa Harar barattoota dhibba 8 fi 46 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Koolleejjichi hojii ogeeyyii fayyaa ga’umsa qaban oomishuuf hojjechaa jiruuf mootummaa naannichaa deeggarsa taasisu cimee kan itti fufu ta’uu Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii ibsaniiru.

Eebbifamtoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannoo cina hiriiruun itti gaafatamummaa ogummaa isaanii ba’achuu akka qaban kaasaniiru.

Eebbifamtoonni beekumsa horatan hojiirra oolchuun rakkoo fayyaa hawaasaa akka furaniif hoogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa naannichaa Dooktar Ibsaa Muusaan waamicha taasisaniiru.

Koolleejjichi sagantaalee 9’n digiriin, 8’n ammoo leenjii ogummaa fi teekinikaan barattoota 846 eebbisiisuu ibsameera.

Eeebbifamtoota kanneen keessaa % 49 dubartoota ta’uu ragaan Biiroo Eegumsa Fayyaa naannichaarraa argame ni muul’sa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.