Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Barsiisootaa Ciroo barsiistota 140 eebbisiise

Finfinnee, Adooleessa 3, 2013 (FBC)- Koolleejjiin Barnoota Barsiisootaa Ciroo barsiistota 140 eebbisiseera.

Kolleejjichi dhiirota 114 fi dubartoota 26 ogummaawwan garagaraatiin leenjise har’a dippiloomaadhaan eebbisiise.

Saganticharratti maatiin barattootaa, keessummoonni kabajaafi qondaaltonni mootummaa kan argaman yoo ta’u, diiniin kolleejjichaa, Tamaam Juneeydii eebbifamtootaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Eebbifamtoonni yaada kennaniin ogummaa barataaniin ofiifi lammiisaanii kan gargaaran ta’uu himuun, cimnee imaanaa nutti kenname bahannee hawaasa sirritti tajaajiluuf qophoofne jirra jedhan.

Dhumarratti barattoota barnootasaaniitiin qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtiifi badhaasni kennameera jechuun ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godina Harargee Lixaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.