Fana: At a Speed of Life!

Kooleejonni garaagaraa barattoota barsiisaa turan eebbisan

Finfinnee, Hagayya 29, 2014 (FBC) – Kooleejiin ‘East Africa’ Damee Adaamaa baratoota gosa garagaraatiin barattoota sadarkaa digirii jalqabaa fi 2ffaan barsiisaa ture 684 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Kooleejjichi bara 2006 eegale hanga ammatti bartoota kuma 4 fi 200 ol eebbisisuun baratoota Barnoota Leenjii Teekinikaa fi Ogummaan digrii jalqabaa fi digirii 2ffaan barsiisuun lammii ogummaa qabu horachuu keessatti gahee isaa bahachaa jiraachuu Hundeesaan Kooleejichaa Obbo Moluu Silleessaa himaniiru.

Kooleejichi qulqulina barnoota mirkaneesuuf yeroo kamiyyuu caalaa kan hojjatu ta’uu beeksisaniiru.

Keessumaa Kabajaa fi Hogganaan Biroo Invastimantii Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa eebbifamaniif ergaa dabarsaniin, ogummaa barataniin hawaasa yoo tajaajilaan hiikaa waan qabaatuuf hawaasaa isaanii cinaa dhaabbachuuf akka hojetan dhaamaniiru.

Gama biraatiin, Koolleejjiin Adiveentistii Ityoophiyaa barattoota barsiisaa ture 450 eebbisiiseera.

Pireezidaantiin Koolleejjii Adveentistii Ityoophiyaa Pirofeesar Saafawoo Gulloo, guddina biyyaa kamuu mirkaneessuun kan danda’amu barnoota qofaan ta’uu dubbatan.

Afrikaa keessaa Yuunivarsitoota 17 kan qabu yoo ta’u, kan damee Ityoophiyaa gara yuunivarsiitiitti guddisuuf hojjatamaa jira jedhaniiru.

Koolleejjichi Ityoophiyaa keessaatti erga hojjechuu eegalee waggoota 75 kan lakkoofsise, barattoota hedduu abbaa ogummaa kan taasiseedha jedhameera.

Guyyaa har’aas marsaa 40ffaaf barattoota sadarkaa garaagaraan barsiisaa ture 450 nni eebbisiiseera.

Eebbifamtoonnis ogummaa argataniin hawaasa tajaajiluuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, Koolleejjiin Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Kofalee barattoota muummee barnootaa garagaraatiin gulantaa 4ffaan barsiisaa ture 122 eebbisiiseera.

Koolleejjichi muummee barnootaa seektara hiyyummaa hir’isan irratti xiyyeeffatee leenjii kennaa turuuDiiniin Kooleejichaa Obbo Kadiir Roobee dubbataniiru.

Kooleejichi bara 2008 irraa eegalee humna namaa abdii biyyaa ta’an leenjisee biyyaaf gumaachuusaa himaniiru.

Kennasaa Amantee, Jibiriil Huseenii fi Biqilaa Tufaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.