Fana: At a Speed of Life!

kooleejjiin Poolisii Oromiyaa miseensootaa Poolisii marsaa 30ffaaf leenjiisaa ture har’a eebbisise

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2012 (FBC) – kooleejjiin Poolisii Oromiyaa miseensootaa Poolisii marsaa 30ffaaf leenjiisaa ture guyyaa har’a eebbisise.

Poolisoonnii har’a eebbifaman kunniin ji’a ja’aa ooliif Buufata Leenjii Poolisii Oromiyaa,Bulbulaatti gahumsa guutuun leenji’aa turaniiru.

Sirna Eebbaa kanarratti Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi aangaa’oonnii mootummaa naannoo Oromiyaa akkasumas keessummoonni adda addaa argamaniiru.

Nageenyaa ummataaf wabii tahuuf ummatni jiruu fi jireenya isaa kara tasgabbii tahee akka gaggeefatuun caasaleen nageenyaa Oromiyaa gaheen caalatti bahuu akka qaban preezdaantiin mootummaa naannoo oromiyaa obboo Shimallis Abdiisa imaana jedhan.

Obbo Shimallis kana kan jedhan har’a humna adda Oromiyaa kolleejiin komishiniiin poolisi Oromiyaa wiirtuu leenjii poolisoota Bulbulaatti leenjisaa ture wayita eebbisiisanidha.

Humnootni addaa Oromiyaa baatii ja’aaf naamusa poolisii, saayinsi poolisii fi waraanaa, itti fayyadamaa meeshaa waraanaa ammaayaa dhuunfaaf garee leenji’uunii xumuruun guyyaa har’a eebbiffaman.

Eebbifamtootni seeraa fi heera biyyattiif bitamuun loogii kamirraayyu bilisa ta’uun olaantumma seeraa kabachuurratti ga’eesan akka ba’ataan preezdaanti Shimallis dhaamaniiru.

Daayreektarri kolleejii poolisii Oromiyaa komaandar Geetaachaw Ittaanaa gama isaanittin humnaa fi gahuumsa poolisoota naannicha gabbisuuf leenjiin saayinsii ammayyaan utubame kennamaaf ture jedhan Leenjitootni har’a eebbifamanis gahuumsaan warreen leenjicha xumuraniidha jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.