Fana: At a Speed of Life!

Kookasichi gamtaan Afrikaa dhimma hidha haaromsaa karaa nagaan furuuf akka hojjetu gaafate

Finfinnee,Waxabajjii 17,2012 (FBC) – Ameerikaatti Koongirasiin Kookasii gurraachootaa, gamtaan Afrikaa dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa karaa nagaan furuuf akka hojjetu gaafate.
 
Walitti qabaa miseensota gurraachota Ameerikaa kan ta’e Koongireeshinaaliin Kookasii gurraachotaa, gamtaan Afrikaa waldhabdee Hidha Haaromsa Ityoophiyaarratti uumame karaa nagaan furuuf ga’ee olaanaa taphachuu akka danda’u beeksiseera.
 
Gamtaan Afrikaa karaa qaama hunda hirmaachiseen rakkoo amma jiru furuuf yoo socho’e Kookasichi deeggarsa barbaachisuu kan taasisu ta’uu ibseera.
 
Kookasichi ibsa isaan, Hidhaan Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa Afrikaatti hidha guddaa humna maddisuu ta’uu isaatiin Ardichaatti faayidaan inni qabu olaanaa ta’uu eerera.
 
Dhiyeessa humnaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uus ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.