Fana: At a Speed of Life!

Kontiroobaandii ittisuuf hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessan argame – Komishinar Dabalee Qaabataa

Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) –Waggoottaan darban sochii Kontiroobaandii ittisuuf hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamuu Komishinarri Komishinii Gumrukaa Dabalee Qaabataan ibsaniiru.

Gumrukichi sochii Kontiroobaandii fi daldala seeraan alaa to’achuuf to’attoota Keellaa guyyoota 100n darbaniif sirna Gumrukaa fi Saayinsii Waraanaa leenji’aa turan 987 eebbisiiseera.

Riifoormiin Mootummaan waggoottan darban Komishinii Gumrukaarratti taasise yeroo ammaa bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachui Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalenyi ibsaniiru.

Leenjifamtoonni har’aas Riifoormichi Caalmaatti akka lafa qabatu qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.

Waggoottaan darban sochii Kontiroobaandii ittisuuf hojii hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamuu Komishinarri Komishinii Gumrukaa Dabalee Qaabataan ibsaniiru.

Yaa ta’uutii Kontiroobaandii ba’uu fi seenu,waliin dhahiinsa Daldalaa, hannaa fi kenniinsa tajaajilaa irratti ammas qormaatileen jiraachuu kaasaniiru.

Gohii Nigusuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.