Konkolaattota buna alergee fe’an ugguruun Buna fudhataaniiru kan jedhamanirratti himanni baname
Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC)- Konkolaattota omisha bunaa alergee Birrii miiliyoona 15 ol fe’an daandiirratti ugguruun, sodaachisuun Bunichaa fudhatanii kan jedhaman namoota 11 irratti himanni yakkaa malaanmaltummaa namae.
Mannii Murtii Yakkaa Ramaddii Lidataa Dhaddachaa 5ffaa Yakka Malaanmaltummaatti, himannichi kan irratti baname yoo ta’u, himatamantoonni kunneen Miseensaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Ajajaa Kumaa Zeenaa Maarqoos, Miseensa Bulchiinsa Nageenyaa Odeeffannoo kan ta’an Tinsaa’ee Taakkalaa fi Miseenssa Inistitiyuutii Artifiishaal Intalajansii kan ta’an Taammiraat Geetaachoo dabalatee namoota 11 irratti ta’uun eerameera.
Naannoo Sidaamaa Magaalaa Daayee Boonsaa fi Aanaa Daalleerraa ka’uun konkolaattota Buna Alergee fe’an wayita gara Finfinnee dhufan hordofuun, Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa 06’tti daandii cufuu fi dhaabsisuun, konkolaachistootaa fi gargaartota ugguruun ta’uun eerameera.
Haaluma kanaan buna dhiqamaa kuntaala 338 keessaa sakatta’aa ajaja mana murtiin taasifameen buna dhiqamee fi ungulaalame keeshaa 135 akkasuma buna dhiqamaa keeshaa 33.5 mankuusaa kireeffame keessatti dhokfame kan argame yoo ta’u, buna hafe gurguramuun faayidaa dhuunfaaf oolfamuu himannichaan eerameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.