Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattoota haadarra imalan dabalatee filannoowwan Geejjibaa haaraa fayyadamuuf hojjetamaa jira – Aadde Daagmaawiit Mogas

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Konkolaattoota haadarra imalan dabalatee filannoowwan Geejjibaa haaraa fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa Aadde Daagmaawiit Mogas dubbatan.
Aadde Daagmaawiiti damee geejjibaa fooyyeessuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Imaammata Geejjibaa wixineessuun hojii duraa ta’uus ibsaniiru.
Imaammatichi Konkolaattoota haadarra imalan dabalatee filannoowwan Geejjibaa haaraa kan hammate ta’uu himaniiru.
Qajeelfama ifaa damee Geejjibaa fooyyeessuu danda’u isa jalqabaa kan of keessaa qabu ta’uu ibsaniiru.
Damichaan hojmaata dhimmoota Loojistiiksii waliin qabatu fooyyeessuuf tarsiimoon qophaa’e ragga’uu isaa dubbataniiru.
Ityoophiyaan damichaan biyyarra dabaaartee gidduugala Loojistiiksii biyyoota ollaa ta’uuf karoora qabaachuu dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.