Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattoonni hataman saddeet shakkamtoota 16 waliin to’ataman

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Konkolaattonni hataman saddeet shakkamtoota 16 waliin to’atamuu isaanii Komishiniiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Daayreektarri Qorannoo Yakkoota Gurmaa’anii fi adda addaa Komaandar Alamaayyoo Ayaalqee akka ibsanitti magaalichatti hanni konkolaataa baayy’achaa dhufus, hojiin sakatta’insaa fi hordoffii cimaan taasifamaa jiraachuu himaniiru.
 
Hojii hordoffii fi opireeshinii hojjetameen yakkich hamma tokko hir’achaa dhufuu isaa eeraniiru.
 
Hojii konkolaattota hataman deebisuu fi shakkamtoota to’annoo jala oolchuu hojjetameen konkolaattoota saddeetii fi shakkamtootasaa 16 to’achuun danda’ameera jedhan.
 
Abbootiin qabeenyaa konkolaattoota kanneeniis hojii cimaa Komishiniin Poolisichaa hojjeteef galata galchuu isaanii ragaan komishinicharraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.