Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 74 karaa Abi’aalaan gara Maqalee imalaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC) – Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 74 marsaa 3ffaaf karaa Abi’aalaan gara Maqalee imalaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise

Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraay haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf akkatuma waadaa galeen haala mijataa uumaa jiraachuu ibseera.

Bu’uuruma kanaan guyyaa har’aa Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 74 marsaa 3ffaaf karaa Abi’aalaan gara Maqalee imalaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa himeera.

Konkolaattoota kanneen keessaa 6 Bootteewwan boba’aa fe’an ta’uu eereera.

Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee deeggartootaa fi dhaabbata sagantaa nyaataa Addunyaa waliin ta’uu naannoo Tigraayitti lammiilee haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu ibseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.