Konkolaattoonni boba’aa fe’anii dhokatanii turan to’ataman
Finfinnee, Mudde 27, 2017 (FMC) – Bootteewwan Boba’aa fe’anii iddoolee garaagaraatti dhokachaa turan to’atamuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise.
Biiroon Daldalaa Naannoo Afaarii fi qaamoleen nageenyaa hordoffii taasisaa turaniin bakkeewwan dhokatanii akka bahan taasiifamuu eerameera.
Boba’aa Finfinnee dabalatee naannolee garaagaraaf dhiyaachuu qabu Naannoo Afaar bakka Saardoo Admaas jedhamutti dhoksaa osoo jiranuu to’annoo jala ooluu isaanii Abbaan
taayichaa himeera.
Yeroo ammaa Bootteewwan kunneen eegumsaan bakka gahuu qaban akka qaqqaban sochiin eegalamuu ragaan Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Xumura baatii gatiin Boba’aa ni dabala abdii jedhuun Boba’aa seeraan ala dhoksuun bu’aa hin malle argachuuf sochii taasiifamaa ture ta’uu ibseera.
Qaamoleen kunneen hanqinni dhiyeessii boba’aa akka mudatu taasisuun hawaasa dhamaatii hin malleef saaxiluu isaanii abbaan taayichaa himeera.
Badii raawwataniif seeraan kan gaafatamaan ta’uu hubachiiseera.
#Oromiyaa #Ethiopia