Fana: At a Speed of Life!

Konkolaataan Elektirikaa Chaayinaatti oomishamu Voolsi Waagan yeroof Ityoophiyaa akka hin seenne dhorkame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC) – Chaayinaatti kan oomishamu Konkolaataan Elektirikaa Voolsi Waagan yeroof Ityoophiyaa akka hin seenne dhorkamuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiiksii beeksise.

Biyya Chaayinaatti walitti hidhamuun gara Ityoophiyaa seenaa kan jiru Konkolaataan Elektirikaa Voolsi Waagan eeyyama seera qabeessa kan hin qabne ta’uu Dhaabbaanni Jarman xaalayaa gama Embaasiin barreesseen ministeerichaaf beeksiseera.

Kana hordofee hanga eeyyama qabaachuun isaa mirkanaa’uutti yeroof gara Ityoophiyaa akka hin seenne dhorkamuu ministeerichi beeksiseera.

Konkolaattoota gara biyya keessaa seenanirratti hordoffii taasisuun hojiin seera qabeessummaa isaanii qulqulleessuu of eeggannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Mootummaan konkolaattoonni Humna Elektirikaa bal’inaan akka oomishaman,walitti hidhamanii fi gara biyya keessaa galan tarkaanfiwwan jajjabeessuu garaagaraa hojiirra oolchaa jiraachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.