Fana: At a Speed of Life!

Konkolaachistoota imaltoota dhamaasaniiru jedhaman 823’rratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Konkolaachistota imaltootaa dhamaasaniiru jedhaman 823 Birrii kuma 596 ol adabaman.

Konkolaachistoonni kunneen adabbii maallaqaatti dabalataan kanneen gorsaan darbaman jiraachuu Hogganaa Ittaanaan Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Injiinar Daawwit Zallaqaan FBC’f ibsaniiru.

Biirichi konkolaachistoota imaltoota dhamaasan irratti tarkaanfii fudhatu cimsee kan itti fufu ta’uu hubachiisaniiru.

Dabalataan, konkolaachistoonni tajaajila geejjiba ummataa kennaan kuma 1 fi 418 taarifaan ol waan kaffalchiisaniif maallaqaan akka adabaman taasisuun eerameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.