Konfiransiin Teeleekoomii Idil Addunyaa Ityoophiyaa qofa osoo hin taane Afrikaa bakka bu’a jedhame
Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Qopheessummaa Ityoophiyaatiin Konfiransiin Teeleekoomii Idil addunyaa gaggeeffamu Ityoophiyaa qofa osoo hin taane kan bakka bu’u ta’uu ibsameera.
Milkaa’ina konfiraansichaaf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu walitti qabaa koree biyyaalessaa fi Ministir Deetaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknoolojii Dooktar Ahimaddiin Mahaammad ibsaniiru.
Yaa’ii Misooma teelekoominikeeshinii idil addunyaa kan qopheessu koreen biyyaalessaa Ityoophiyaa haala qophichaarratti walga’ii gaggeesseera.
Yaa’ii yeroo jalqabaaf Afrikaatti gaggeeffamu kana milkeessuuf korichi haalduree barbaachisaa ta’e xumuraa jiraachuu ibsamuu ragaan Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.