Fana: At a Speed of Life!

Konfiransiin nageenyaafi misoomaa naannoo Beenishaangul Gumuziifi Bulchiinsa Biluu Naayil gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Konfiransiin nageenyaafi misoomaa naannoo Beenishaangul Gumuziifi Bulchiinsa Biluu Naayil magaalaa Damaaziinitti gaggeeffamaa jira.

Konfiransicharratti Pireezidaantii naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadilii Hasaniifi Pireezidaantii Bulchiinsa Biluu Naayil Jeneraal Mahaammad Alumdaanin dabalatee hoggantoonni olaanoon biroon argamaniiru.

Konfiransichi mata duree” Nageenya, Misoomaafi Ollaa Gaarii” jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, gabaasni raawwii hojiilee nageenyaa, tasgabbiifi misoomaa kanaan duraa dhiyaatanii kan gamaaggamaman ta’uu eerameera.

Kallattiiwwan waloo hojiilee waliin jireenya uummattootaa, nageenyaafi misoomaa daran cimsan kan kaa’aman ta’uu ibsameera.

Waltajjichi hojii waljijjiirraa odeeffannoo daran guddisuun sochiilee seeraan alaa darbee darbee naannawaa daangaarratti mul’ataniif furmaata kennuuf kan gargaru ta’uus eerameera.

Ollummaa gaarii cimsuurra darbee hojiilee uummattoota lameen hariiroo uummattootaafi daldalaan walitti hidhuuf hojjetaman cimsuuf kallattiin ni kaa’ama jedhamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.