Fana: At a Speed of Life!

Konfiransiin Abbootii Gadaa Siikkoo Maandoo nageenyaarratti xiyyeeffate magaalaa Asallaatti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2014 (FBC) – Konfiransiin Abbootii Gadaa Siikkoo Maandoo nageenyaarratti xiyyeeffate magaalaa Asallaatti taa’amuu ibsameera.

Sirna kana arraatti abbootiin Gadaa Odaalee fi dhaddacha adda addaa fi, haadholiin siinqee godinaalee Baalee, Baalee Bahaa, Arsii, Arsii Lixaa fi Shawaa Bahaa, aanga’oonni mootummaa godinaalee shananii,hoggantoonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Kaayyoon konfiransii kanaa namoota diinatti makamanii nageenya naannichaa fi biyyaa jeeqaa jiran karaa nagaan gara uummataatti akka deebi’an waamicha dhiyeessuu yookaa Qora Waamuu, kanneen didan irratti ammoo akkaataa duudhaa sirna Gadaatiin yeroo torban lama hin caalle keesaatti sagantaa walfakkaatuun jilba itti muruu dha jedhame.

Sirna kana irratti akkaataa sirna Gadaatiin warreen duudha Oromummaa gatanii diinati makamuun nageenya booressaa jirantu qora waamama.

Akkaataa uumee qoraatiin beellama torban lamaatu kennamaaf.

Warreen waamicha abbootii Gadaa kana dhagahanii deebi’aniif dhaddacha dhaddachaan aanaalee irratti dhiifamani akka godhamuuf abbootii Gadaa ibsaniiru.

Warreen waamicha abbootii Gadaa kana dhagahuu diidaniif ammoo beellama biraatiin jilbi itti murama jedhameera.

Mohaammad Guddataatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.