Fana: At a Speed of Life!

Konfiraansiin Waldaa Misooma Oromiyaa  gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC)-Kutaa magaalaa Birbirsaa Gooroo (Araadaa) tti konfiraansiin  Waldaa Misooma Oromiyaa gaggeeffameera.

Konfiraansicharratti itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, walitti qabaan Boordii Waldaa Misoomaa Oromiyaa Abba Duulaa Gammadaa, itti aantuun hoji raawwachiistuu kutaa magaalaa Birbirsaa Gooroo Dooktar Haannaa Yashiinguus, hoggantoonni kutaa magaalichaa fi kutaa magaalichaatti miseensoonni waldichaa argamaniiru.

Konfiiraaansicharratti ergaa kan dabarsan aadde Adaanach Abeebeen, Waldaan Misoomaa Oromiyaa mata duree ‘tokkummaa misoomaaf’ jedhuun hojiiwwan misoomaa mootummaa waliin hin geenyee waliin ga’uun shooraasaa ba’aachaa jiraachuu himaniiru.

Waldichi hojii misoomaa dameewwan adda addarratti hojjetuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbachisaa ni taasisaa jedhaniiru.

Dhiyeenyas waldaa misooma Oromiyaa dabalatee waldaaleen garagaraa qabeenyaa Finfinneerraa walitti qaban asumaa Finfinneetti karooraa misoomaa dhiyeessaniif maqaa magalichaa galateeffachuu ragaan waajjira Prees  Seekreetariyaat magaalaa Finfinneerraa argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.