Fana: At a Speed of Life!

Konfiraansiin sosochii dubartootaa sadarkaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Konfiraansiin sosochii dubartootaa nageenyaafi deeggarsa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti xiyyeeffate Godinaaleefi Magaalota Oromiyaa hundatti gaggeeffamaa jira.

Nageenya mirkaneessuun misooma eegalame itti fufsiisuuf gahen dubartootaa olaanaadha jedhameera.

Koonfiraansii gaggeeffamaa jiruun dubartootni nageenya waaraa mirkaneessuun misoomaa fi ijaarsa sirna diimokiraasii eegalame itti fufsiisuuf kallattii fuulaa duraa kan kaa’amu ta’uu ibsameera.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immaanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu, dubartoonni shororkeessaa ABUT fi fakkaattota isaatiin shira birmadummaa biyyaarratti aggaamame fashaleessuuf deeggarsa hawaasni Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisaa jiru cimsuu keessatti qooda isaanii bahachaa jiraachuu himu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.