Konfiraansiin hubannoo Intelejeensii Artifishaalaarratti uumuu gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Saayinisii fi Teeknooloojii Adaamaa keessatti ‘Intelejeensii Artifishaalaa’ hojjetamaa jiru irratti hubannoo uumuuf konfiraansii gaggeessaa jira.
Konfiraansiicharrattis Daayreektarri Olaanaa Insitityuutii Intelejeensii Artifishaalaa Injiinar Warquu Gaachanaa fi daayreektarri Olaanaa Nageenya Odeeffannoo Dooktar Shuumatee Gizaaw dabalatee, keessummoonni biroon argamaniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Saayinisii fi Teeknooloojii Adaamaa Dooktar Lammii Guutaa, konfiraansichi gumaacha ‘Intelejeensiin artifishaalaa’ damee barnootaa keessattis ta’ee, guddina hunda galeessa biyyaa keessatti qabu cimsuuf kan qophaa’ee jedhan.
Konfiraansii kunis muuxannoo Idil Addunyaa wal jijjiruu fi yeroo itti aanuutti gama kanaan hojiin fooyyee qabu akka hojjetamuuf haala mijeessuuf gargaara jedhaniiru.
Injiinar Warquu Gaachanaa konfiraansii kanarratti ergaa dabarsaniin, Intelejeensiin Artifishaalaa gama Hawaasummaa fi diinagdeetiin biyya gara guddinaa fi badhaadhinaatti ceesisuuf gahee olaanaa waan qabuuf xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Tattaaffii Yuunvarsiitiin Saayinisii fi Teeknooloojii Adaamaa damee kana barsiisuu fi beeksiisuuf gochaa jiru cimsuufis mootummaan deeggarsa akka taasiisuuf himaniiru.
Midhaksa Qachaatu gabaase
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.