Fana: At a Speed of Life!

Konfaransiin hoteelaa fi tuuriizimii biyyaaleessaa 2ffaan magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Konfaransiin hoteelaa fi tuuriizimii biyyaaleessaa 2ffaan Bitootessa 7 – 9, 2012 magaalaa Hawaasaatti ni gaggeeffama jedhame.

Konfaransiin hoteelaa fi tuurizimii biyyaaleessaa 2ffaan kanarratti hoggantoota biyyootaa, ministiroonni, hoggantoonnii fi oggeeyyiin damichaa, abbootiin hoteelaa, daawwachiftoonni, ambaasaaddaroonni fi gorsitoonni dhaabbiilee irratti ni hirmaatu jedhamee eeggama.

Qophii kanarratti sagantaaleen akka imala miilaa, daawwii oomishaalee beeksisuu, fi sirni beekkamtii ni gaggeeffama jedhameera.

Konfaransicha Ministeera Aadaa fi Turiizimii, bulchiinsa magaalaa Hawaasaa fi Federeeshinii Hojjettoota Hoteeloota Ityoophiyaatu waliin qopheesse jedhame.

Kaayyoon konfaransichaa sosochii Turiizimii biyya keessaa fi magaalaa Hawaasaa si’oomsuuf jedhameera.

Konfaransiin hoteelaa fi turizimii biyyaaleesaa 1ffaan waggaa darbee dhuma baatii Hagayyaa keessa magaalaa Finfinneetti gaggeefamuun isaa  ragaan Ministeeraa Aadaa fi Turiziimii irraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.