Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Poolisii Manneen Amala Sirreessaa Naannoo Somaalee uffata seeraa fi Asxaa haaraa eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii Manneen Amala Sirreessaa Naannoo Somaalee uffata seeraa fi Asxaa haaraa dhiyaate har’a magaalaa Jigjigaatti eebbisiiseera.

Saganticharratti Itti Aanaa Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad,Komishinarri Komishinii Manneen Amala Sirreessaa Jeneraal Daammanaa Daarootaa fi hoggantoonni Komishinii Poolisii naannichaa argamaniiru.

obbo Musxafee Mahaammad uffata seeraa fi Asxaa haaraa kana ifatti eebbisiisaniiru.

Hojiin Manneen Amala Sirreessaa keessatti hanga ammaatti hojjetame agarsiisaaf dhiyaateera.

Waggoottan 27 darban manneen Amala Sirreessaa iddoo lammiileen amala itti sirreeffatan osoo hin taane iddoo lammiileen nagaa itti hirirfaman kan ture ta’uu obbo Musxafeen ibsaniiru.

Jijjiirramaa as Yaadaa fi ilaalcha haaraan hojiin Manneen Amala Sirreessaa keessatti hojjetamuu eegale cimee itti fufu akka qabu eeruu isaanii ragaan Miidiyaa naannoo Somaaleerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.