Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee Dilbata dhufu gootota duula birmadummaa biyyaaf beekamtii akka kennu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Miseensotaa fi hoggantoota wayita duula birmadummaa biyyaa gootummaa fi raawwii hojii gaarii galmeessaniif sagantaa beekamtii fi galateeffannaa kan gaggeessu ta’uu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

 

Sagantaan kunis Dilbata, Caamsaa 28, 2014 sa’aati 03:00 irra eegaluun Adda Baba’ii Masqalaatti kan gaggeeffamu ta’uus eereera.

 

Kanumaan walqabatee daandilee sagantichi jalqabamee hanga xumuramutti cufaa ta’an ifoomseera.

 

Daandii Boolee-Galma Barkumee-Adda Baba’ii Masqalaa kan geessu; Dambal (Adda Baba’ii Olompiyaa)tti;

 

Magganaanyaa-Adda Baba’ii 22’rraan-Adda Baba’ii Masqalaa;

 

Daandii Boolee Madaanalamii-Hoteela Atilaasirraan-Adda Baba’ii Masqalaa;

 

Bataskaana Uraa’eel karaa olii fi gadiin;

 

Daandii Kiloo 4 irraa-Adda Baba’ii Masqalaa kan geessu naannawaa Massaalamiyaa Gabireelitti;

 

Daandii Charchil-Hoteela Harraambee-Adda Baba’ii Masqalaa kan geessuu Mana Poostaatti;

 

Daandii Takilahaayimanootirraa-gara Waajjira Meetiroolojii kan geessuu naannawaa Waajjira Meetirooloojiitti;

 

Daandii Takilaahaayimaanoot-Hospitaala Xiqur Ambassaarraan gara Immigireeshinii daandiin geessuu naannawaa ulaa duubaa Hospitaala Xuqur Ambassaatti konkolaattotaaf cufaa ta’uun eerameera.

 

Akkasumaas daandii Saarisir-Gootaraa-Adda Baba’ii Masqalaa kan geessu naannawaa Agoonaatti konkolaattota fe’umsaaf, Konkolaattota manaaf ammo Kutaa Waraanaa 4ffaa Duraanii- Xoorhaayiloochi-Lidataa-Hospitaalaa Poolisiirraan gara Adda Baba’ii Masqalatti kan dhufaan Adda Baba’ii Meeksiikootti;

 

Meeksiikoorraa gara adda Ababa’ii Masqalaa kan dhufan ibsa Laagahaar irratti;

 

Sangaataraa-Ulaa Teeleerraan konkolaattonni dhufan naannawaa Gamoo Baddiluutti, konkolaattota Mana Maxxansaa Daldalaarraan daandii keessoon naannawaa Garaajii Ormaatti, Hoteela Sharaatan irraan gara Ambaasaaddar kan dhufan naannawaa Filuwaatti;

 

Kaasaanchiis irraan gara Filuwaa kan dhufan naannawaa Hoteela Interkontinentaalitti;

 

Sanbata gara bariitti sa’aatii 10:30 irraa, sagantichi eegalee hanga xumuramutti konkolaataaf cufaa ta’uu eereera.

 

Hawaasnis kana hubachuun miseensota poolisii tiraafikaaf akka mijatutti daandiilee filmaataa biroo akka fayyadamaan gaafachuu ragaan Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfineerraa argame ni mul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

 

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

 

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.